Namooti hundinuu birmaduu ta'anii mirgaa fi ulfinaanis wal-qixxee ta'anii dhalatan. Sammuu fi qalbii ittiin yaadan waan uumamaan kennameef, hafuura obbolummaatiin walii-wajjin jiraachuu qabu.
